I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


253) Talking about House

Where do you live? (English)
Eessa jiraatta? (Afaan Oromoo)
I live in piassa/piazza. (English)
Birbirsa Gooroo jiraadha. (Afaan Oromoo)
How big is your house? (English)
Manni kee hammam bal'ata? (Afaan Oromoo)
It is medium. (English)
Jiddugaleessa. (Afaan Oromoo)
How many rooms does it have? (English)
Kutaa meeqa qaba? (Afaan Oromoo)
It has 4 rooms. (English)
Kutaa afur qaba. (Afaan Oromoo)
What are they? (English)
Maal fa'a? (Afaan Oromoo)
They are living room, bed room, kitchen and bath room. (English)
Kutaa keessummaa, ciisichaa, golaafi mana fincaaniiti. (Afaan Oromoo)
Do you have a sofa? (English)
Soofaa qabdaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I have a sofa. (English)
Eeyyee, nan qaba. (Afaan Oromoo)
Do you have a television? (English)
Telebijinii qabdaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I have a television. (English)
Eeyyee, nan qaba. (Afaan Oromoo)
What do you have in your salon? (English)
Kutaa keessummaa keessaa maalfa'a qabda? (Afaan Oromoo)
I have television, music player and fridge etc... (English)
Telebijinii, muuziqaa taphachiistuuf qabbaneessituu qaba. (Afaan Oromoo)
What do you have in your bed room? (English)
Kutaa ciisichaa keessaa maal qabda? (Afaan Oromoo)
I have a bed and dressing table. (English)
Sireefi saanduqa uffataa qaba. (Afaan Oromoo)
What do you have in your kitchen? (English)
Alawaada / kushiinaa keessaa maal qabda? (Afaan Oromoo)
I have stove and a lot of vessels. (English)
Eeleefi distii fa'a qaba. (Afaan Oromoo)
Do you have geyser in your bath room? (English)
Kutaa dhiqannaa keessa ho'istuun bishaanii jiraa? (Afaan Oromoo)
Yes, I have. (English)
Eeyyeen, nan qaba. (Afaan Oromoo)
Do you have a garden? (English)
Eddoo fuduraa qabdaa? (Afaan Oromoo)
No, I do not have garden. (English)
Lakki, hinqabu. (Afaan Oromoo)
Are you a tenant? (English)
Mana kiraa jiraattaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I am a tenant. (English)
Eeyyeen, kireeffadheen jiraadha. (Afaan Oromoo)
How much is the rent? (English)
Meeqaan kireeffatte? (Afaan Oromoo)
It is Birr 2000. (English)
Qarshii kuma lamaan kireefaadhe. (Afaan Oromoo)
Do you like your house? (English)
Manni kee sitti tolaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I like it. (English)
Eeyyeen, natti tolee jira. (Afaan Oromoo)