I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


270) Phrases about Feelings

Joy, happiness (English)
Gammaduu (Afaan Oromoo)
It's great! That's great! (English)
Waan ajaa'ibaati! Mishadha! (Afaan Oromoo)
It's wonderful! That's wonderful! (English)
Kun ajaa'iba! /Kun dinqisiisaadha! (Afaan Oromoo)
Great! Beautiful! Wonderful! Excellent! Terrific! (English)
Dansaadha! Bareedaadha! (Afaan Oromoo)
What a wonderful day! (English)
Guyyaa milkii akkamiiti! (Afaan Oromoo)
I'm so happy! (English)
Ani baay'ee gammadeen jira! (Afaan Oromoo)
I love it! (English)
Ani Jaaladheen jira! (Afaan Oromoo)
Oh, what a wonderful gift! (English)
Ooh, kennaa ajaa'ibaa akkamiiti! (Afaan Oromoo)
That's exactly what I wanted! (English)
Anis kan barbaade kanuma! (Afaan Oromoo)
Just the thing! (English)
Akkanuma! (Afaan Oromoo)
Disgust! (English)
Fokkise! jibbisiise! (Afaan Oromoo)
It's terrible! It's awful! (English)
Baay'ee rifachiisaadha! Baay'ee suukaneessaadha! (Afaan Oromoo)
Terrible! Awful! Horrible! (English)
Baay'ee rifachiisaa! Suukaneessaa! Jibbisiisaa! (Afaan Oromoo)
How disgusting! (English)
Waan qaanessaa akkamiiti! (Afaan Oromoo)
I hate it! (English)
Ani nan jibba! (Afaan Oromoo)
I can't stand it! (English)
Ani kana obsuu hin danda'u! (Afaan Oromoo)
It was the worst trip (food, day, etc.) in my whole life! (English)
Jireenya koo keessatti kun imala, nyaata, guyyaa jibbisiisaa ture! (Afaan Oromoo)
Indifference (English)
Dhimma koo miti/Ana hin ilaallatu. (Afaan Oromoo)
It doesn't make any difference to me. (English)
Kun anaaf hiikkaa wayiituu hin qabu. (Afaan Oromoo)
It doesn't matter. (English)
Rakkoo hin qabu/Homaa miti (Afaan Oromoo)
It's all the same to me. (English)
Anaaf hunduu tokkuma. (Afaan Oromoo)
I don't care. (English)
Dhimma kiyyaa miti/Ana hingalchu (Afaan Oromoo)
Suit yourself. (English)
Akka sitti toletti/ Akka barbaaddetti. (Afaan Oromoo)
Approval, praise, admiration (English)
Dinqisiifannaa (Afaan Oromoo)
You did a great job! (English)
Hojii dansaa hojjatte! (Afaan Oromoo)
It's great! It's wonderful! (English)
Baay'ee dinqisiisaadha! (Afaan Oromoo)
That's great! I'm so proud of you. (English)
Baay'ee gaariidha! Ana boonsitee jirtaa. Siin booneen jira (Afaan Oromoo)
Well done! (English)
Akka gaariitti hojjamatee jira! (Afaan Oromoo)
You did it! (English)
Galmaan geesse! (Afaan Oromoo)
That's my boy! That's my girl! (English)
Sun ilma/intala kiyya! (Afaan Oromoo)
Complaining, disapproval (English)
Komii; waldhabuu (Afaan Oromoo)
I wish you wouldn't take my books without permission. (English)
Heeyyama kiyyaan ala kitaabilee kiyya osoo fudhachuu baattee natti tola! (Afaan Oromoo)
I thought I told you not to smoke in this room. (English)
Kutaa kana keessatti akka hin aarsine waan sitti hime natti fakkaatee ture. (Afaan Oromoo)
I thought I asked you to be here by nine o'clock. (English)
Sa'aa sagal irratti akka asitti argamtu waan si gaafadhe natti fakkaatee ture. (Afaan Oromoo)
How many times do I have to tell you to turn off the light when you leave? (English)
Yoo baatu ibsaa akka dhaamsitu yeroo meeqan sitti hima? (Afaan Oromoo)
Oh, how could you? (English)
Ooh, akkamitti akkana goota? (Afaan Oromoo)
You should be ashamed of yourself. (English)
Ofitti qaana'uu/saalfachuu qabda. (Afaan Oromoo)
Shame on you! (English)
Siin qaana'e!/Sitti qaana'e! (Afaan Oromoo)
When someone is annoying you (English)
Yeroo namni si aarsu (Afaan Oromoo)
Leave me alone! (English)
Na dhiisi! (Afaan Oromoo)
Mind your own business, will you? (English)
Dhimma kee irratti xiyyeeffadhu, tolee? (Afaan Oromoo)
Stop bothering me! (English)
Na hin rakkisin! Na hin jeeqin! (Afaan Oromoo)
Get lost! (slang) (English)
Badi asii! (Afaan Oromoo)
Anger (English)
Dheekkamsa/Aarii (Afaan Oromoo)
Why on earth should I do it? (English)
Maaliifan hojjadha? (Afaan Oromoo)
Who (the hell) do you think you are? (English)
Ati eenyu waan taateefi? (Afaan Oromoo)
How dare you! (English)
Hangam yoo na tuffatte! (Afaan Oromoo)
For heaven's sake! (English)
Waaqa sodaadheeti! (Afaan Oromoo)
Good gracious! My goodness! (English)
Waaqa abbaa koo! Maaloo Yaa rabbi! (Afaan Oromoo)
Oh God! Oh my! (English)
Yaa rabbi! (Afaan Oromoo)
Asking not to get angry (English)
Akka hin aarre gaafachuu (Afaan Oromoo)
Don't get upset. (English)
Hin aarin! (Afaan Oromoo)
Calm down. (English)
Tasgabbaa'i! (Afaan Oromoo)
Take it easy. (English)
Salphisii ilaali. (Afaan Oromoo)
Don't get mad! (English)
Hin aarin! (Afaan Oromoo)
Asking not to worry (English)
Dhiphachuu dhiisuuf gaafachuu (Afaan Oromoo)
Don't worry about it. (English)
Saniif hin dhiphatin. (Afaan Oromoo)
Don't worry. Everything will be all right. (English)
Hindhiphatin. Wanti hundi ni fooyya'a. (Afaan Oromoo)
Relax. (English)
Bashannani! Bashaadi! (Afaan Oromoo)
Disappointment, complaining about life (English)
gammaduu dhabuu, komii waa'ee jireenyaa (Afaan Oromoo)
I feel so disappointed. (English)
Baay'ee natti dhaga'amee jira (Afaan Oromoo)
Just my luck. (English)
Hiree / carraa kiyya (Afaan Oromoo)
What a day! What a life! (English)
Guyyaa/ireenya akkamiiti! (Afaan Oromoo)
Life is hard. Life is unfair. (English)
Jireenyi rakkisaadha. (Afaan Oromoo)
That's life. What can you do? (English)
Jireenyi akkanuma, maal gochuu dandeessa? (Afaan Oromoo)
Oh well. That's the way it goes. (English)
Egaa, akkasi. (Afaan Oromoo)
Sympathizing (English)
JajjabeessuuWaalessuu (Afaan Oromoo)
I'm sorry to hear that your father passed away. (English)
Boqachuu abbaa keetiif jajjabina siif hawwa. (Afaan Oromoo)
I know how you feel. (English)
Maal akka sitti dhagahamu nan beeka. (Afaan Oromoo)
Let God help you. (English)
Waaqni si bira haa jiraatu/Waaqni obsa siif haa kennu. (Afaan Oromoo)
Oh dear! (English)
Yaa Rabbii kiyya! (Afaan Oromoo)
May his soul rest in peace. (English)
Rabbi itti haa araaramu (Afaan Oromoo)
Encouraging (English)
Jajjabeessuu (Afaan Oromoo)
Cheer up! (English)
jabaadhu! (Afaan Oromoo)
Everything will be all right! (English)
Wanti hunduu ni fooyya'a! (Afaan Oromoo)
It's not the end of the world! (English)
Kun dhuma addunyaa miti! (Afaan Oromoo)
Don't give up. (English)
Harka hin kennin! Abdii hin kutatin! (Afaan Oromoo)
Don't worry. You'll be all right. (English)
Hin dhiphatin ni wayyoofta (Afaan Oromoo)
Surprise (English)
Waan dinqii /oduu aagaa (Afaan Oromoo)
Oh really? (English)
Dhugaa keetii? (Afaan Oromoo)
Is that so? (English)
Akkasii adaa? (Afaan Oromoo)
That's amazing! (English)
Kun dinqii dha! Kun waan ajaa'ibaati! (Afaan Oromoo)
That's incredible! (English)
Waan hin fakkaanne/ waa amanuuf nama dhibu! (Afaan Oromoo)
I'm really surprised. (English)
Baay'ee na ajaa'ibee jira. (Afaan Oromoo)
No kidding? Are you serious? (English)
Dhugaa keetii? Qoosaa mitiimii? (Afaan Oromoo)
You must be joking! You're kidding! (English)
Qoosaa jirta ta'uu qaba! (Afaan Oromoo)
I can't believe it. (English)
Ani kana hin amanu. (Afaan Oromoo)
It can't be true! (English)
Kun dhugaa ta'uu hin danda'u! (Afaan Oromoo)
Doubt, uncertainty (English)
Shakkii (Afaan Oromoo)
I'm not (quite) sure about it. (English)
Mirkanaa miti. Shakkiin qaba (Afaan Oromoo)
Maybe, but I am not sure. (English)
Ta'uu mala, guutumatti hin beeku (Afaan Oromoo)
I'm not sure. (English)
Nan shakka (Afaan Oromoo)
Well, I don't know yet. (English)
Egaa, hanga ammaatti hin beeku (Afaan Oromoo)
I have mixed feelings about it. (English)
Waa'ee dhimmichaa yaada walmakaa qaba (Afaan Oromoo)
I doubt it. (English)
Nan shakka (Afaan Oromoo)
Physical pain (English)
Dararaa qaamaa (Afaan Oromoo)
It hurts! (English)
Nama dhukkuba! (Afaan Oromoo)
Oh! I've burned my finger! (English)
Ee badee! Qubaa gubadhe! (Afaan Oromoo)
My left foot hurts. (English)
Miila kiyya bitaa na dhukkubaa jira. (Afaan Oromoo)
I have a terrible headache. (English)
Bowwoo cimaatu natti jira. (Afaan Oromoo)
I have a pain in my chest. (English)
Qoma koo na dhukkubaa jira. (Afaan Oromoo)